Godinni Shawaa Lixaa godinaalee Oromiyaan qabdu keessaa ishee tokkodha. Godinni kun godina goototaafi hayyoota hedduu Oromoof gumaachitedha. Gootota godinni kun Oromoofi Oromiyaaf biqilchite keessaa gootni Laggasaa Wagii Meettaa isa hangafadhaa. Laggasaa Wagii abbaasaa obboo Wagii Meettaafi haadha isaa aaddee Buzunesh Ayyaanaa irraa godina Shawaa Lixaa, aanaa Meettaa Roobii, ganda Kuyyuu Gicii iddoo addaa Muujjaa jedhamutti bara 1952 dhalate. Laggasaan obbolaa shan qabaa. Gootni kun Waxabajjii, 18 , bara 1979 haadha manaa isaa Wayinisheet Geetahuun jedhamtu waliin bultii ijaarrachuun ijoollee sadii horatee jira.Laggasaan umurii daaimummaa isaatii kaasee nama gara laafessa, amalaan yoo qaban qileetti gatan, xiiqiin immoo harka isaa hin kenninedha. Tapha qillee, gugsiifi garmaamsa fardaa baayee jaalataa turee. Naannawaa bara 1975-1979tti aanaa Adaaa Bargaafi Meettaa Roobiitti obboleewwan ciccimoo sadan : Geetaachoo Wagii, Baqqalaa Wagiifi Laggasaa Wagii Sadan Wagii jedhamuun beekamuu turanii. Obboleewwan kunis fardaan eenyuuyyuu arianii qabuu. Dheessaniis jalaa bauu. Arianii waraaraniis ittiin geeraruu.Laggasaa Wagii bara 1971, mana barumsaa Garbii Bultootti barumsaa isaa kutaa 1ffaa irraa eegalee hanga kutaa afuriitti erga baratee booda kutaa 5-8 immoo gara aanaa Adaaa Bargaa deemuun magaalaa Incinnii mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Incinniitti baratee. Kutaa 9-11 gara magaalaa Finfinneetti imaluun 7 osoo jiruu kutaa 11 yeroo gahu, barnoota isaa addaan kutuun konkolaachisummaafi barachuun hojii konkolaachisumaatti bobbaee. Kana malees Laggasaan hojii daldaalaa irratti bobbauun magaalaa Dirree Dhawaa waggaa torbaaf jiraateeraa. Kibba Oromiyaa irraa gara Lixa Oromiyaatti, baha Oromiyaa irraa gara Dhiha Oromiyaatti, akkasumas lixa Oromiyaa irraa gara Finfinneetti meeshaalee garaagaraa kanneen akka: huccuu, dhadhaafi buna daldaalaa turee.Laggasaa Wagii gara laafessadha. Arjaadhas. Nama rakkate bira hin darbu. Nama uummata isaaf baayee yaadudha. Rakkoo saba isaa ijaan arguu hin barbaaduu. Bara 1977 bara beelli hammaatee dhala namaa akka malee miidhe, qamadii fageenya irraa bituun konkolaataan feee Meettaa Roobii geessuun hawaasa isaaf raabseeraa. Laggasaa Wagii seenaa dhiibbaafi cunqursaa sirnootni darban Oromoorraan gahaa turan dhagahaa guddatee. Bara Dargii roorroofi hacuuccaan Oromoo irratti taasifamu daran jabaatee. Obboleessi Laggasaa Wagiis roorroofi dhumaatii akkasumas cunqursaa uummata Oromoo irraa balleessuuf osoo loluu sirna Dargiitiin wareegamee. Laggasaanis booyicha obboleessa isaa irratti argamuun obboleessa isaa erga awwaaleen booda bara 1982 maatii isaafi firoottan isaa jaallatu dhiisee gara lixa Wallaggaatti imaluun bosona seenee. Dandeettii loltummaafi bilchina siyaasaa olaanaa kan qabu Laggasaan Wagii lola riphanii loluu irratti bobbaee osoo jiruu mootummaan Dargii kufuun mootummaan ADWUI Caamsaa 20, bara 1983 aangoo qabatus, wal dhabdee dhaabbilee gidduutti uumameen gara bosonaatti deebiee.Laggasaa Wagiin bakkaafi haala dirqama qabsoo itti kenname bahuu keessatti qooda olaanaa nama kennaa tureefi gahumsaa hojii itti kenname bahachaa turee. Dirqama sadarkaa addaa addaatti irra ture hunda keessatti gootummaan, cichoominaafi obsaan akkasumas fakkeenyummaa guddaan ummata Oromoof nama aarsaa kaffaledhaa. Laggasaan bilchina qaburraan kan kae tooftaafi jagnummaan qabsoo taasisaa tureen uummata Oromoo biratti kabajaafi jaalala guddaa kan qabu yoo tau, diina Oromoo biratti immoo baayee sodaatamaa. Laggasaa Wagiin bilisummaa uummata Oromootiif aduufi rooba, dheebuufi beela, akkasumas halkaniifi guyyaa dadhabbiifi nuffii tokko malee bosona mana godhachuun bosonuufi baala nyaachaa diina lolee lolchiisaa osoo jiruu bara 2001 wareegamee. Gootni duus seenaan gootaa bara baraan jiraataa.Maddi: Toora Interneetiifi Kitaaba Seenaa Qabsaaota Oromoofi Wareegama jedhu