Magaalaan Goree Haalli teessumni ishee Sudaaniitti siqee waan argamuuf bara sana(1929) immoo Ingiliizoonni sudaaniin koloneeffatanii daladala bal’aa karaa Goree adeemsisaa turan. Waan kana ta’eefis yeroodhaa gara yerootti daldaltoonni biyya alaa kan akka Araboota, Giriikota, Armeeniyaa, Hindoota Ameerikaanota, Ingiliizii, Suudaanii fi kkf baayyachaa dhufuun guddina hawaasummaa fi diinagdee akka mul’atu godheera.Mootummaan giddu-galeessa Itoophiyaa Magaalaa Goreef xiyyeeffannaa addaa akka kennu kan godhan sababootni isaan gurguddoo keessaa inni tokko iddoon kun wal qunnamsiisaa karaa daldaltootaa (Caravan route) Goree 👉 Gambeellaa 👉 Suudaanii fi Suudaan 👉 Gaambeellaa 👉 Goree 👉 Finfinnee (giddu-galeessa Itoophiyaa) waanta ta’eefii dha.Meeshaalee gara garaa Suudaanii Dooniitti fayyadamuun gara biyya keessatti kan akka Ashaboo, Qorqorroo, Daawitii, Gaasii Adii, shittoo fi dibata adda addaa huccuu adda addaa, Dhugaatiiwwan ammayyaa biyya Awurooppaa, Uuffata halkanii, Siree Sibiilaa Kophee fi kkf shaqaxa adda addaa kan ta’e karaa Gaambeellaatiin galaa turaniiru. Haaluma wal fakkaatuun naannoo Iluu Abbaa Booraa immoo Buna, Gogaa, Ilkaan Arbaa, Damma, Urgooftuuwwan fi kkf gara Suudaaniitti bahaa tureera. Baankiin Absiniyaa Magaalaa Finfinneetti aanee akka Itiyoophiyaatti Magaalaa Goreetti hundeeffamuun daldala bal’aa kana Faayinaansitiin deggeraa ture. Adeemsi hojii daldalaa kun galii argamsiisuun guddina gama diinagdeetiin jiru bu’aa qabeessa akka ta’u taasiseera. Adeemsi hojii daldalaa kun yeroo dhaa gara yerootti babal’achaa waan dhufeef Baaroo Qallaa irratti Kubbaaniyyoonni Giriikii afur buufata meeshaalee kuusaa isaanii godhachuun yeroo sana Miistar Maayoon kan jedhaman immoo buufaticha bulchaa turan Kubaaniyoonni Itoophiyaa fi Suudaan gidduuti yeroo sana daldala adda addaa irratti hirmaataa turan :- Kubbaaniyyaa -Meeshuu >> - Vaanjeeloos >> - Musee Famaliyoon >> - Musee Dilbii >> - Musee Kirstopher kapagara gambo >> - Safariyaan >> - Musee Saajjin Kaabii turan. Seenaa Gabaabaa Qonsilaa Ingiliziiti. Qonsilaan Ingiliiz Magaalaa goretti kan argamu ta’ee karee meetira 43, 628 bal’ina kan qabu dha. Akka Maanguddootni jedhanittii fi ragaan mul’isutti Qonsilaan Ingiliiz bara 1906 akka dhaabbate ykn hundeeffame ni tilmaamama. Qonsilaan kun Magaalaa Goree keessatti dhaabbachuuf duraan dursee mootiin Itiyoophiyaa yeroo sana tureen Miniliik irraa Hayyama argachuudhaan Mootummaan IngiliizQonsila isaa dhaabbateera. Qonsilaan Ingiliiz yeroo adda addaa keessatti namoota adda addaa ta’aniin hogganamaa tureera. Haaluma tureen Abbaa taayitaa Qonsilaa Ingiliizii isa jalqabaa ture Mistar Wakar ( Mr.Woker) Misooma Magaalaa Goreef tattaaffii gara garaa gochuu dhaan tajaajila Itti fufa... Ragaan Kan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Waajjira Aadaafi Turiizimii Godina Iluu Abbaa Boori.