======
Koloneel Abdiisaa Aagaa Oromiyaa Dhihaa,Wallagga Najjotti bara1919 kessatti dhalate. Bara 1925tti mana barumsaa Abbaa Gabra-Maaram seenee afaan Amaariffaa dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu barate. Bara 1927, mana barumsa misiyoonii Najjoo seenee Afaan Ingiliffaa barate.
Yeroo umuriinsaa 12, Abbaan Abdiisaa obboleessa isaa ajjeessee mana hidhaa gale. Abdiisan kana ol iyyatee abbaasaa gadi lakkisiisuf gara Finfinnee yoo deemeyyuu, abbaansaa dhumaratti murtii du'aatin ajjeefame. Kanaan gaddee fi aaree, Abdiisan umurii 14tti Waraana Itoophiyaatti dabalame. Bara 1932, Akkaadaamii Waraanaa Hoolotaa seenee waraana barachuun ajaja-kudhanii ta'uun eebbifame. Yeroo waraanni Xaaliyaanii Itoophiyaa qabatu Abdiisanis waraana kanarrati loltuu ta'ee hirmaatee ture. Hiryootasaa wajjin diina Wallaggaa qabate buqqisuuf gara Wallaggaa deeme. Boodarras hiriyootasaa du'arraa hafan 30 wajjin booji'amee jalqaba Jimmatti hidhame. Hiriyootasaa wajjin ji'a tokko booda Jimmarraa gara Finfinneetti dabarfamanii ji'a lama hidhman. Ji'a lama boodas mana hidhaatii gadi lakkifaman. Bara 1936, Giraaziyaanitti boombin darbatamee waan madaayef, Abdiisaan namoota 42 wajjin qabamee karaa Mitsiwwaatin gara Moqaadishoo geeffamuun achitti hidhaman. Namoota Abdiisaa wajjin Hoolotatti baratan keessa nama 18 erga ajjeesanii booda, namoota 30 hafan Xaaliyaanii geessanii mana hidhaa kuusaa odola Sisilii keessatti aragamutti hidhame. Achitti Kapiteen Juuliyoo, goota Yugozilaavin wal bare.
Mana hidhaattis Abdiisaa fi Kapiteen Juuliyoon michuu ta'an. Waliinis mana hidhaa keessaa badanii miliqan; isaan wajjin hidhamtoota 10 ol ta'an fudhatanii bahanii bosonaatti galan. Guyyaa muraasa booda mana hidhaa sanatti geggeessummaa Abdiisaatiin halkan deebi'an; Abdiisaa Xaaliyaanonni hedduu soodaatu turan. Abdiisaan eegdota mana hidhaa sanaa hudhee ajjeese. Itti aansun Juuliyoo wajjin uffata eegdota mana hidhaa sanaa fudhatanii uffatan. Kan dubbifnerraa.