************************
Kaayyoon Waaqeffannaa kanaa Uumaan Rooba akka Roobsuufi Jiruuf jireenyi Namaa fi Uumamaa Caamsaadhaan akka Balaadhaaf akka hin saaxilamneef kadhachuufidha.Yoo Roobni Roobe Looniif Biqilaan jiraata,yoo Roobni jiraate Misoomni jira,Yoo Roobni jiraate Jireenyi Namaa fi Uumamaa itti fufa.
Sirna Gadaa keessatti Oromoon Aadaa fi Safuu qaba.Sirna Hawaas-Dinagdee fi Siyaasaa Toora jiruu fi jireenya isaa ittiin gaggeeffatu qaba.Kanneen Keessaa Sirni Aadaa Waaqeffannaa isa tokko.Durdur irraa eegalee Oromoon Sirna Waaqeffannaa mataa isaa qaba.Sirni Waaqeffannaa Kunis adeemsa,bakkaa fi yeroo mataa isaa danda'e qaba.
Bu'uuruma sirna Waaqeffannaa kanaan guyyaa har'aa Aanaa Meettaa Walqixxee Malkaa Walgootti Sirni Waaqeffannaa Uumaa Kadhachuu gaggeeffamee jira.Malkaan Walgoo durdur irraa eegalee Wiirtuu/Malkaa Waaqeffannaa fi Irreechaa Jiraattota Ganda Agamsa Booraa fi Suubbaa Gaajoo ta'uun tajaajila akka ture Manguddoota saganticha gaggeessan irraa odeeffanne.Manguddoonni fi Miseensoonni Koree Sirna Waaqeffannaa kanaa akka jedhanitti Waaqeffannaan gaggeeffame kun kaayyoon isaa Uumaan akka nuuf Roobsufidha jedhan.Namaa fi Loon dabalatee Uumamni kamiyyuu Rooba malee jiraachuu hindanda'u Sirni Kunis dur irraa eegalee yeroo Caamsaan dheeratu Oromoon ba'ee Malkaatti qalee dhibaafatee Namni,Loonii fi Uumamni akka hindhumneef Uumaa isaa kadhachuun Roobni yeroo isaatti akka Roobuuf kadhachaa turan,Yeroo kadhatanittis Roobaa akka ture Obbo Dajanee Damissee A/Tulluu,Obbo Ajjamaa Fayisaa A/Ayyaantuu fi Obbo Giraany Ammayyuu nutti himan.
Manguddoonni Kun akka jedhanitti Kaayyoon Waaqeffannaa guyyaa har'aa gaggeeffamemu kunis akka Roobni deebi'uuf,Araaraaf,sanyiidhaaf,Nageenyaa Biyyaatiif,Fayyaa Namootaatiif,Eebbaa fi waan hundumaatiif Uumaa kadhachuuf akka ta'e dubbatu.
Maddi WKM Aanaa Meettaa Walqixxee